Dawit-Dessie_gaz_jhn_text_reg/15/05.txt

1 line
483 B
Plaintext

\v 5 Ani jirma wayiniiti isin immoo dameewwan. Namni inni kamiyyuu yoo na keessa jiraate, anis yoodhan isa keessa jiraadhe, inni firii baay'ee buusa, isin anaan malee homaa gochuu hin dandeessan. \v 6 Namni inni kamiyyuu na keessa yoo hin jiraatiin inni akka damee achi darbatamee goguti, isaanis dameewwan walitti qabanii ibidda keessa darbatu, ni gubamas. \v 7 Isin yoo na keessa jiraattaniif dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waan feetan hunda gaafadhaa, innis isinif godhama.