Dawit-Dessie_gaz_jhn_text_reg/11/30.txt

1 line
477 B
Plaintext

\v 30 Yeroo kana Iyyasuus bakkuma Maartaan isa itti simatte ture male gara gandaatti hin dhufne. \v 31 Yihuudotni yammuu ishii jajjabeesuuf mana keessa ishii waliin jiran sun akka dafte kaatee gad baatee arganii, boo'uuf jette gara bakka awwaala waan deemtu isaanitti fakaatee ishii hordofan. \v 32 Maariyaamis yammuu bakka Iyyasuus jiru sana geessu isa argitee miilaa isaa jalatti kuftee akkana isaan jette 'yaa Gooftaa, otoo ati asi jirta taate obboleessi koo hin du'u ture.'