Dawit-Dessie_gaz_jhn_text_reg/04/34.txt

1 line
482 B
Plaintext

\v 34 Iyyasuusis akkana jedheen "Nyaanni koo fedhii Isa na erge hojjachuu fi hojii isaa raawwachuu dha." \v 35 Isin 'ji'ota afurtu hafe, sana booda midhaan walitti qabna (sasaabna) jettu mitii? Ani isinittin hima akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu (sasaabamu) ga'e ija keessan ol kaasaatti oorruu ilaalaa. \v 36 Inni walitti qabu (sasaabu) mindaa ofi ni argata firiis jireenya barbaraatiif walitti qabata, kunis akka inni facaaseefi walitti qabe (sasaabe) waliin gamadaniifi.