\v 28 Yihuudonnis mana Qayyaaffaatti Iyyasuus fuudhanii gara biroo ol-aanaa bulchaa mootummaa warra Roomaatti geessan, yeroon isaas ganama barii ture. Yihuudotnis akka hin xuroofneef jedhanii gara biroo ol-aanaa bulchiinsa mootumaatti ol-hin seenne. Kunis akka Faasigaan nyaachuu danda'aniifi. \v 29 Kanaaf Philaaxoos gara isaanitti gadi ba'ee, 'himanni isin nama kana irratti dhiyeessitan maal dha? jedhee gaafate. \v 30 Isaanis 'otoo namni kun yakka hojjachuu baatee nut isa dabarsinee sitti hin kennini ture' jedhanii deebisaniif.